
THE OROMO PEOPLES CONGRESS (OPC)
Sagantaa Siyaasaa
Koongireesii Uummata Oromoo
/K.U.O/
Bitootessa 15, Bara 1988
Sagantaa Siyaasaa
Seensa
Sabni Oromoo sabaafi Sab-lammoota Afirikaa kan dhibbaa gadi hin taane irra guddaa /bal'aa/ kan ta'eefi .handhuura Itophiyaa hardhaatti iddoo bal'aa qabaachuudhaan hanga keenyaa kaabatti diriiree kan jiraatu saba guddaadha. Walakkaa biyyattii harka caalu qabachuunsaa kun riqicha uummatoota Itophiyaafi Afirikaa walitti fidu gofa osoo hin ta'in teessumni lafaa bal'aan uummanni Oromoo irra jiraatu qabeenyawwan uumamaa kan Itophiyaas ta'ee kan gaafa afirikaatiif kuufama guddaadha.
Haa ta'u malee, kaleessas ta'ee hardha uummanni Oromoo akkaataa baay'inaffi bal'ina saatiin ga'ee siyaasaa taphachu /bahuu/ hin dandeenye. Handhuura siyaasaa ta'uunsaa hafnaan seenaa jaarraa dheeraa keessatti uummata haqniifi ulfinni biyyoolessaa irraa mulqamee turedha. Carraan uummata guddaa kanaa maaliif akkas ta'uu akka danda'e hubachiisuudhaaf gabaabaatti seenaa uummata Oromoo ilaaluun ni barabaachisa.
Jaynummaa gita bittootaafi moototaaf kan oogu seenaan Itophiyaa seenaa Oromo duri baayee yoo nutti hin himnellee (hin odee ssinellee) bu'i-ba'ii seenaa uummanni Oromoo waggootii dhibba afuriifi sadii keessa darbe hubachuun rakkisaa hin ta'u.
Teeysumaafi fuula qubannaa uummanni Oromoo hardhairra qaqqabe ilaaluuf bal'inaafi baay'inasaa wajjin riqichoonni jireenyaairra ce'eefi daandiiwwan seenaa xaxamaan irra adeeme akka salphaatti kan hin hedamne, tarii hibboo siyaasaa kan hanga hardhaatti uummanni Oromoo dabarseef sababii akka turan dursanii hubachuu barbaachisa. Seenaan sababiiwwan kanneeniin tamsa'ina /faca'ina/ fi babal'ina uummata keenyaa wajjin hamma gara kaaba biyyatiitti diriiree jiraachuudhaan kan wal qabate; kutaa walakkaa (handhuura) Itophiyya keessa kan jiraatu, gara Bahaafi dhihaatti diriiree akkasumas Itophiyaa kibbaatti kan ture hidda uummata keenyaatiin kan wal-qabateedha.
Qabxiiwwan kanneen ifa gochuudhaaf; lffaa ummata Oromoo kan garakaaba Itophiyaa hardhaa keessa seenee (lixe) qubate keessaa dura -taa'oonni bahan jaarraa 17ffaa eegalee hanga Goondaritti seenudhaan (toowwachuudhaan) ga'ee siyaasaafi loltummaa bahaniiru. Keessumattuu qondaaltonniifi dura bu'oonni waraanaa kan Oromoota Yajjuu keessaa bahan mootummaa dhaaltota Yajjuu (Yejju Dynasty) hundeessuudhaan waggoota 1770 - 1840tti teeysuma mootummaa jiddu-galeessaa bara sanaa kan turte Goondariin toowwachuudhaan kutaa bal'aa Itophiyaa kaabaa bulchuun mallattoo seenaasaanii kaa'anii darbaniiru.
hidda Oromoo Walloo keessaa kan bahan Mohammad Alii (Raas Mikaa'el) Minilik wajjin soddummaa siyaasaa uumaniin ilmisaanii Iyaasuun hanga fincila mootummaa qondaaltota Shawaatiin barchumarra (taayitaarraa) bu'anitti bulchiinsa bal'aa Minilik yoo bitan isaan immoo mootii kutaa kaabaa turan.
2. Baalabbaatonni kutaa uummata Oromoo Shawaa keessaa bahanis soddummaa (fuudhaafi hceruma) Siyaasaa gara garaatiin mootummaa fiyuudaalii walakkaa Shawaatti uumame keessatti ga'ee guddaa taphataniiru /baasaniiru/. Caalattiyyuu fudhatamummaa gochii siyaasaa bara sanaa argamsiiseen eenyummaa hidda sanyiisaanii jijjiiruudhaan beekamummaa kan argatan kan akka maatii Hayila Sillaasee fa'a turan.
3. Walakkaa jaarra 19ffaatti yeroo Itophiyaan hardhaa naannawu Shawaatti uumamte uummanni Oromoo harki caalu kan kcessa jiraatu kutaawwan kibbaa, bahaafi dhihaa biyyatii uummata Oromoo kan walakkaafi kaaba jiraataniin haala addaa keessa turanmootii Abbaa Jifaar Jimmaafi Mootota Shanan Gibee dabalatee sirna Gadaa Oromoonni naannawa baay'ee ittiin bulaa turan irra darbanii mootonni gitaafi hidda-dhalootaatiin walitti hidhaman gama tokkoon yoo uumaman, gama biraatiin ammo sirnaafi duudhaa Gadaatiin jircenya diinagdeefi hawaasummaa kan gaggeessan turaniiru.
Walitti dhufeenyawwaniifi sadarkaaleen guddina siyaasaafi hawwaasumma uummanni keenya keessa ture kunniin seena Oromoo kan boodarra uumameef dhiibbaa qabu. Kunis;
1ffaa, Mootummoonni sirna Gadaa diiganii uumaman walii wajjii-isaaniis ta'ee guddina fooyya'erra kan ture addunyaa alaa wajjin walitti dhufeenyi ture jaboolaafaa waan tureef meeshaa waraana yeroo sanatti barabaadamu argachuufis ta'ee tokkichuummaan ka'anii waraana Minilik ofirraa qolachuun bin danda'amneef.
2ffaa Gurma'insi sirna Gadaa naanna'a murtaa'e keessatti kan ta'eefi hidhannoofi gurma'insasaatiinis caalee kan sosocho'u raayya Minilik wajjin wal gituu bin dandeessifne. Kana waan ta'effis qabsoowwan ummanni keenya walabummaasaa eegsisuuf bifa bittinnaayeen adeemsisu fiixa bahuu hin dandecnye.
Asirratti qalbiffachuu kan barbaachisu waay'een siyaasaa /polattiikaa/ galuufii /liqimsamuufi/ kan dide namoonni siyaasaa akka dhiyeessanitti Oromoon kan injifatame namoonni siyaasaa Habashaa abshaalummaa siyaasaa ol'aanaa qabaatanii ykn "Goobanoonni" tokko tokko dachee, Oromoorratti waan uumamaniif Osoo hin ta'in gurmaa'insaafi yaada kanaan " walitti rara'een bittaa bulchiinsaa keenya, babal'ifachuuf fedhiin ture seenaa keessatti gadi aanaafi sirna Gadaarra darbee qabsoo gitaa adeemsisuuf kan fayyadu caasaa siyaasaa uumuun waan dadhabameef ture.
Haala seenaadhaan dhuma waggoota jaarraa dhibba 19ffaatti uumeen Oromoon waan injifatameef bulchiinsa itophiyaarratti iddoo ta'uuf dhabuurrayyuu lafti irraa fudhatamee ciisii /gabbaarii/ ta'uurra darbee cunqursi suukkaneessaan irratti fe'ameera.
Qabxiin biraa kan qalbeeffachuu nu barbaachisu bitta fiyuudaalii kan Minilikiin hundeeffamettis ta'ee, waraana Adawaafi waggootii shanan weerara Xaaliyaanitti ga'ee guddaa kan taphatan hubannoon seenaa dura bu'oota waraana uummata Oromoo keessaa bahanii waggootii kuma hedduuf kan darbaa ture ayidooloojii (ideology) gita bittaafi kanuma kan cimsu haala afaan dhaabani amantii ittiin barreeffamu uume darbanii adeemuu hin dandeenye. Darbanii kan deeman Fagoo yoo ta'an ittisa /dallawa/ seenaa yeroo sana ture cabsanii osoo bin ta'in siiboo seenaa sanaa uffachuudhaan /gad-dirachuudhaan/ ture Siiboo seenaa sanaa mulqatee deemuuf kan yaale Liji Iyaasuun barcumasaa, boodarras lubbuusaa dhabuun dhugaa seenaa kanaa kan mirkaneessuudha.
Gochaawwan. walxaxaa seenaa kanneen egaa, uummata Orommofi ummattoota kibbaa jaarraa hedduuf sirna jibbisiisaa fiyudaaliifi nafxanyaa keessatti akka sukkumamaan kan taasise. Akkaataa kana; sochii bartoota Itophiyaatiin "Itophiyaan mana hidhaa gitootiifi sabootii cunqurfamootaati" kan jechisiise. Dhugaa kana ture ka'umsi dhaadannoo dargaggoonni Itophiyaa kufaniif "lafti qotee bulaaf ' jechuudhaan.
Uummata Oromoorrattis ta'ee uummata Itophiyaa gara biraarratti kan fe'ame bittaan sirni fiyuudaalii haala hammaataadhaan waan itti fufeef walakkaa waggootii 1950 kaasee mormiin uummataa haala adda addaa calaqisiisan muldhataniiru.
Naanawa uummata Oromoottis dammaqinsi biyyoolessummaa (national consciousness) biqiluu qofa osoo hin ta'in Waldaan Maccaafi Tuulamaa, fincilli uummata Baalee kan jeneraal Waaqoo Guuituutiin dursame akka uumaman taasiseera. dursa warraaqsa Itophiyaatti muldhatee /quuqee/ kan ture Adda Bilisummaa Saboota Itophiyaa (A. B.S.I.) dabalatee dhuma waggootii 1960tti kan uumaman dhaabbileen Oromoolee bu'aa seenaa qabsoo kanaan walqabatanidha.
Dambalii warraaqsa Itophiyaa bara 1966 / guutuu biyyatiirra cambalaqcefis kan Oromoo dabalatee ka'umsi gaaffiiwwan sabootaafi Sab-lammootaa ture. Injifanno ol'aanaan ummanni keenyaafi ummatoonni Itophiyaa kibbaa hanga ammatti argatan bu'aadhuma warraaqsa kanaa kan ture labsii lafa baadiyaa qotee bulaaf taasisedha. Warraaqsi ummataa bara 1966 gufachuiuniifii mootummaan faashistii dargii kan ijoollee Oromoofi Itophiyaa isaan biro gar-jabeenyaan ajjeessee fixe biyyatiitti taayitaa waan qabateef uummanni Oromoo lammata cunqursaafi saamichaaf, hiyyumaafi doofummaaf saaxil bahuurrallee jaaraa dukkana'aa keessatti deebi'u (danda'eera. Ijoolleen Oromoo baay'inaan kan. itti hirmaatan "MEISON" fi "ECHAT" jiddutti gara garummaan uumames miidhaa ummata keenyarra gahe caalaatti hammeesseera.
jaatanii waggootii 20n darban keessatti deggarsa uummataa kan argate Addi bilisummaa Oromoo (ABOn) ooggantummaa maatii (warra) tokkootiin ukkaamamee akka qabeenya dhuunfaatti qabamee keessaa bahuu waan dadhabeef jalqabama jijjiirama wayita ammaa kanatti dhaabbileen Oromoo walitti qabamanii wajjin hojjachuuf yaaliin godhanis hin milkoofne.
Sababii ooggantummaa diigaa ABOtiin hardhas ilmaan Oromoo dogogora darberraa baratanii kan walitti dhiyaatan osoo hin ta'in caalaatti balaa addaan tamsa'uuf saaxil kan baasu, karaa biraatiin rakkiniisa kaleessaa fakkaatu akka itti marfamu godheera. Uummata Oromoo balaa kanarraa dandamachiisuuf, itti gaafatama seenaas bahuufi qabsoo uummata keenyaa toora qabsiisuuf, akkasuma qabsicha fuulduratti tarkaanfachiisuuf ilmaan Oromoo garaa garummaa yaadaa (ilaalchaa) dhiphisanii adda (dhaaba) ummatummaa uumuurraa kan hafe filannaa hin qaban.
Wanna ta'eefis naanna'a Kongireesii Biyyoolessaa Oromootti (K.B,O) walitti qabamnee bilisummaan, haqniifi ulfinni ummata keenyaa akka eegamu, aadaafi afaan akka_ gabbatu, haqa diinagdefi hawaasummaa akka gonfatu, biyya keenyatti sirni dimokraatawaan akka uumamu ummata keenyaaf sagantaa kana dhiyeessineerra.
Kutaa Lama
Sagantaa
1. kaayyoo
Uummanni Oromoo hiree /carraa/ mirga ofii mataa ofiitiin murteeffachuu kabajsiifachuuf, abbaa biyyaa ta'uun uummata Oromoo bekamee aadaafi afaansaa akka gabbifatuufi hacuuccaa tokko malee mirgoonni qabeenyaafi walabummaasaa toowwachuufi itti fayyadamuu akka eegamaniif sirni dhugaafi dimokraatawwaan biyyatitti akka uumamu qabsaa'uuf,
2. Caasafi Uunmama Mootummaa
2.1. Mirgiifi ulfinni biyyoolessaa uummata Oromoo eegamee qabeenya biyyasaatis haala
fooya'een akka to’atu caasaan mootummicha Riipaabilika dimokraatawaa Federaalawaa ni ta'a.
2.2. Mootummaan jiddu-galeesaas ta'ee Mootummaan Naannoo Oromiyaa ittiin qajeelfama dimokraatawaafi mirga dhala namummaa ummata Oromoo mirkaneessan yeroo heeraan murtaa'eefitti filannoo maqoofi (iccitifi) walabaatiin kan muudamaniifi kan buufaman nama-tokko-sagalee-tokko kan jedhu kan fudhatan ni ta'u.
2.3 Mootummaa jiddu-galeesaas ta'ee Motummaan Naannoo Oromiyaa qaamotii gara garaa jechuunis kutaa hoji-raawwachiisaa, seera tumaafi seera raawwachiisaa heera motummaatiin adda bahanii ykn qoodamanii kan tumaman ga'ee hojiiwwanii ni qabaatu. Manni Murtii qaama hojiraawwachiisaarraa walaba ta'a.
2.4 Mootummaa jiddu-galeesaas ta'ee Mootummaan naannoo Oromiyaa amantii kamifiyyuu akka hin oogne ykn gidduu hin seennee ni godhama.
3. Mirgoota Dimokrassiifi Dhala Namummaa
3.1 Naannoo Oromiyaattis ta'ee guutuu biyyatiitti mirgoonni (haaqni) barreessuu, dubbachuu, walitti qabamuu, gurmaa'uu, hojii dhaabuufi hiriira nagayaa gochuu akka kabajaman ni taasifamu.
3.2 Naannoo Oromiyaafi biyyattii guutuutti nama kamiyyuu ejjannoo siyaasaatiin hacuuccaan /gad-qabaan/ irratti bin godhamu. ajaja mana murtii malees hin hidhamu. Maqaa qorannoo jedhuunis rakkini qaamaas ta'ee kan biro irra hin gahan.
3.3. Oromoon kamiyyuu naannoosaatti, biyya keessatiifi biyyoota alaa keessa naanna'uf mirga qabaatu.
3.4. seera birattiifi dirreewwan hojii kamirrattiyyuu dubartoonni Oromoo dhiirotaan qixxeetti ilaalamu.
4. Diinagdee
4.1. Qabeenyawan uummata Oromoo hacuuccaa eenyuutiniyyuu ala bu'aa uummata keenyaatiif akka oolan ni taasifamu.
4.2. Labsiin lafa baadiyaa kan bara 1967 injifannoo guddaafi ol'aanaa uummanni Oromoo hanga ammaa gonfate waan ta'eef qabiyeen labsichaa osoo hin geeddaramin lafti baadiyaa karaa diinagdeef bu'aa buusuun hojiirra oola.
4.3. Mootummaan jiddu-galeessaafi Motummaan Naannoo Oromiyaa jireenya uummata keenyaa fooyessuufi midhaan nyaataatiin akka of danda'u qotee bulaaf deeggarsa barbaachisu ni kennu.
4.4. Bu'a - ba'iin birokraasii dhabamsiifamee diinagdeen; uummata keenyaa akka babal'atuufi dagaagu namni naanicha keessa jiraatu kamiyyuu damee hojii filatee qonnarratti, industriirratti, daldalarratti, tiraansipoortii... kkf irratti bobba'uu ni danda'a. Garuu damee hojii hundarrattuu Oromotaaf dursi ni kennama.
4.5. Kaappitaalli biyya keessaafi biyya alaa karaa uummata keenya fayyaduun akka hojiirra oolu ni taasifama.
4.6 Dhaabbilee mootummaa jiddu-galeesaas ta'ec kan mootummoota alaafi miti- mootumma bal'inaan misooma naannichaa keessatti qooda akka fudhatan yaaliin ni godhama.
5. Dhimmoota Hawaasummaa
5.1. Seenaafi aadaan uummata Oromoo bal'inaan akka qoratamu ni taasifamu. aadaafi duudhaan gaariin uummata keenyaa adda bahanii akka gabbatan ni taasifamu.
5.2 Afaan Oromoo babal'atee sadarkaa hundattu akka barnootni ittiin kennamu ni taasifama.
Afaanota biyyatii keessatti dubbataman hunda kan caalu waan ta'eef naannoo Oromiyaa
qofatti osoo hin ta'in sadarkaa biyyatittis afaansaa (biyyolessaa) akka ta'u yaaliin barbaachisu ni godhama.
5.3. Uummanni keenya doofummaa keessaa akka bahuufi beekumsasaa akka bal'ifatu manneen barnoota mootumm akka babal'atan ni taasifamu. Manneen barnoota mootummaa tolaan tajaajila kennu.
5.4. Dargaggoonni Oromoo oomishitoota akka ta'an hanga humni dandeessiseen carraa hojii akka argatan yaaliin ni godhama.
5.5. Dhaabbileen tajaajila hawaasummaa hospitaalonni, kilinikoonni buufatoonni fayyaa, manneen qorichaa --- kkf haala wal-giteen Oromiyaa keessatti akka babal'atan ni taasifama.
5.6. Guddinni uummata keenyaa kan saffisuu danda’u saayinsiifi tekinoolojiin ammayyaa yoo guddate, tajaajilawwan daandii, bishaanii, yoo babal'atan waan ta'eef guddina isaaniitiif mootummaa giddu-galeesaas ta'e Mootummaan Naannoo Oromiyaa deggarsa barbaachisaa ni kennu.
5.7. Uummanni keenya balaa uumamaafi gocha namaatiin tasa qaqqabaniin akka hin hubamne mootummaan jiddu-galeessaafi mootummaan Naanno Oromiyaallee of eeggannoofi qophii barbaachisaa ni godhu. Balaan akkasii yoo uumamanis biyya keessaafi biyya alaarraa gargaarsi (hirpha) akka argamu wal-taasisu,
5.8. Lammiiwwan qaamaafi haamileen ciman akka qabaannu Oromiyaa keessatti dirreewwan ispoortiifi iddoowwan bashannanaa akka babal'atan ni taasifamu.
5.9. Dhaloonni Oromoo kan hardhaas ta'ee kan boruu jireenya fooyya'e kan jiraatu qabeenya uumamaa keenyaaf eegumsii kunuunsi yoo godhameef waan ta'eef gama kanaan wanti barbaachisu ni godhama.
6. Humna Ittisaafi Poolisii
6.1. Humni ittisa biyyattii bifa qabeenya biyyattii wajjin walgiteen sadarkaa aggaamii diina alaa qolachuu danda'uun ni gurmaa'a.
6.2. Humni ittisaa heera mootummaa biyyattiitiif kan bitameefi sochii siyaasaa paartiiwwaniifi tuutonni politikaa godhan ala ta'a.
6.3. Gurmaa'insi homan ittisaa sabaafi sab-lamoota biyyattii hundarraa kan walitti baheefi baay-inaafi bal-ina sabaaf sab-lammootaa wajjin kan ilaalame ni ta'a.
6.4. Nageenyiifi tasgabiin ummata Oromoo akka eegamu dhaabbilee siyaasaatiin ala kan ta'e humni Poolisii Oromiyaa ni gurmaa'a.
7. Dhaabbilee Oromoofi Oromoo hin ta'in wajjin Walitti Dhufeenya
7.1 Faayidaa uummata Oromoo kabajsiissuuf kan qabsaa'an dhaabbilee /jaarmilee/ siyaasaafi waldootii hawaasa Oromoo kan kaayyoon wal-fakkaatuuf tumsi barbaachisu ni godhama.
7.2. Cunqursa wal fakkaatu keessa kan darban uumattoota Itophiyaa kibbaafi kan biroo wajjin walitti dhufeenyi cimaan akka jiraatu ni taasifama.
7.3. Humnoota dimokraatawaa kabajama haqa uummata Oromoo fudhataniifi walqixxummaan sabootaafi sab-lammootaa kan itti kabajamu sirni dimokraatawaan akka uumamu kan dhugaadhaaf dhaabbatan wajjin walta'umsi ni godhama.
8. Haajaa /Dhimma/ Alaa
Sadrakaa kamittiyyuu faayidaan biyyoolessaa uummata Oromoo akka kabajamu;
8.1. Imaammanni (Policy) dhimma alaa biyyattii faayidaa sabootafi sab-lammoota Itophiyaa hunda kan eegsisan ni ta'a.
8.2. Imaammata biyyoota ollaa wajiin nageenyaan jiraachuu jedhu kan hordofaniifi Ollummaa gaariirratti kan hundeeffame walitti dhufeenyi akka jiraatu ni taasifama.
8.3. Dhaabbata Tokkummaa Afirikaafi mootummoota Wal-ta'anii akkaataa bu'aa addaa uummata keenyaatiin hojiirra akka oolan taasifamu
8.4. Afirikaattis ta'ee addunyaa guutuutti ulfinaafi haqa uummata gurraachaa eegsisuudhaaf kan qabsaa'an hundaaf deggarsi ni kennama. akkuma barbaachisetti qabsoosaanitti hirmaachuunis ni jiraata.
Back to Home
info@ oromonc.org